Sudaan Kibbaatti, Ijaarsaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaaf doolaara kuma 10n bittaan boondi raawwatame.

102

Onkolooleessa 10/2014(TOI)- Sudaan Kibbaatti, Ijaarsaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaaf doolaara kuma 10n bittaan boondi raawwatame.Lammiileen Itoophiyaafi Eritriyaa Sudaan Kibbaa jiraatan, hidhichaaf Doolaara Ameerikaa Kuma 10n bittaa boondi raawwataniru.

Gareen Misoomaafi Konsitiraakshii Iziraafi Kaampaanii Jeedkoo abbuummaan kan Ertiriyaanootaa tahe Sudaan Kibbaatti hojjataa jiru keessatti kan hojjatan mahaandisoota Itoophiyaatu bittaa boondii raawwatan.

Kanaanis Gareen Misoomaafi Koonsitraakishinii Iziraa Doolaara kuma 8 boondii yoo bitu, mahaandisoonni Kaampaanii Jeedkoo ammo doolaaraa kuma lamaan bitaniiru.

Sudaan Kibbaatti Ambaassadarri Itoophiyaa Ambaassadar Nabil, hojjattoota boondicha bitan galateeffachuun, hojiin walfakkaatu cimee akka itti fufu dhaamaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015