Magaalaan Dasee sochii hawaas-dinaggee idilee ishee geggeessa jirti.

60

Finfinnee, Onkololeessa 10/2014 (TOI) - Magaalaan Dasee akka oduu Sobaa gareen shororkeessaa ABUT odeessuu osoo hin taanee sochii hawaas-dinagdee ishee akkum kanaan duraa karaa nagaan geggeessa jirti.

Gareen shororkeessaa ABUT fi deeggartoonni isaanii Magaalaa Dasee, Wucaaleefi Haayiq to'anneerra jechuun Miidiyaalee adda addaan, keessaayyuu miidiyaa hawaasummaan akkuma kanaan duraa oduu sobaa fi burjaajessuu facaasa jiru.

Kunis gareen kun oduu burjaajii fi sobaa kana facaasuun uummata jeequun lohee magaaloota kana galuun dhiittaa mirga namoomaa raawwachuuf karoorfatee itti deemaa akka jiru kan mul'isudha.

Jiraattoonni , Dargaggoonnii fi ga'eessoonni magaalaa Dasee garuu oduu sobaa fi burjaajii garee kanaaf gurra osoo hin laatiin qinda'anii hojjechuun oduu sobaa kana qolachuu danda'aniiru.

Kanaan dura gareen shororkeessaa ABUT naannoo Affaarii fi Amahaaraa bakkeewwaan weeraraan qabteetti lammilee nagaa jumlaan ajjeesera, Abbootii amantaa gara laafina tokko malee ajjeesera, Dubartoota gudeedera, Beelladoota rasaasaan reebee ajjeesera, walii galaanis qabeenyaa uummataafi mootummaa mancaasuun kaan immoo saameera.

Garee kana qolachuuf hawaasni magaalaa Dasees karaa qinda'een hojjechaa jira jedhameera.

Rippoortaroonni Tajaajila Oduu Itoophiyaa magaalaa Daseetti argamuun akka hubataniitti Malichii akka oduu soba fi burjaajii gareen shororkeessaa ABUT fi deeggartoonni isaa facaasa akka hin taanee hubataniiru.

Akka Ripportaroonnii kun arganitti jiraattoonni magaalaa Dasee hojii hawaas-dinagdee idilee isaanii akkum kanaan duraatti hojjechaa jiru.

Magaalaa Daseetti,dhaabbileen tajaajilaa hawaasaaf kennaan kanneen akka suuqii, Hooteloonnii, Geejibnii waliigaalaan, dhaabbileen mootummaa fi kanneen biroon hojii idilee isaanii hojjechaa jiru.

Dargaggoonni magaalichaas nageenya magaalichaa eeguf qaamoolee nageenyaa waliin qindaa'anii saatii 24 hojjechaa akka jiran Rippoortaroonni Tajaajila Oduu Itoophiyaa arganiiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015