Manni barnoota magaala Roophiitti Waajjira giifti dureen ijaaramee eebbifame.

74

Roophii Onkololeessa 9/2014 (TOI)- Manni barnoota sadarkaa 2ffaa godina Arsii magaalaa Roophiitti Waajjira Giifti dureen ijaaramee har'a eebbifame.

Mana barnooticha eebbisanii hojii kan jalqabsiisan Giifti duree Zinnaash Taayyachoofi Pireezidantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaati.

Manni barnootichaa baatii sagal keessatti ijaaramee kan xummuramee yoo ta'uu birrii miiliyoona 14 kan ijaarame ta'uu himameera.

Manni barnoota sadarkaa 2ffaa kun kutaawwan barnootaa 18 , manneen kitaabaa, Laabiratooriwwaan fi Gomoowwaan bulchiinsa mana barsumsichaa kan ofkeessatti hammatee akka qabu eebba mana barnootaa kanarratti himameera.

Manni barnoota kun baratoota kutaa 9 hanga 12 jiran 760 simatee barsiisuu kan danda'u ta'uu Waajjira barnootaa godinichatti itti gaafatama kan ta'an gargaraan pirofeesara Jamaal Shaanqoo Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015