Baratoonni Yuunivarsiitiwwaan naannoo Tigiraayitti argamaniifi kanneen Yuunivarsiitii Waldayaatti barnoota isaanii hordoofaa turan akka Yuunivarsiitiwwan birootti ramadaman murtaa'e.

82

Onkololeessa 9/2014 (TOI) -Sababaa rakkoo gareen shororkeessaa ABUT uumef jecha Baratoonni Yuunivarsiitiwwaan naannoo Tigiraayitti argamaniifi kanneen Yuunivarsiitii Waldayaatti barnoota isaanii hordoofaa turan akka Yuunivarsiitiwwan birootti ramadaman Ministeerri Barnoota murteesse.

Baratoonni barnoota isaanii yeroo idileen yuunivarsiitiwwan kanneenitti barachaa turan gara yuunivarsiitiwwan birootti ramadamanii akka barnoota isaanii yeroof hordofaniif unka barbaachisuu akka guutaan kan taasifamu ta'uu beeksiseera.

Haaluma kanaan baratoonni yuunivarsiitiwwan naannoo Tigiraayitti argamaniifi Yuunivarsiitii Waldaayaatti idileen barnoota isaanii hordofaa turan guyya har'aa (Onkololeessa 9/2014) irraa jalqabanii ragaawwan barnootaa isaan barbaachisu qopheeffachuun galmaa'u akka danda'an ragaan ministeera Barnootaa irraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015