Waraana gareen shororkeessaa ABUT bane qolachuuf ummanni Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuu akka qabu waamichi dhiyaate

55

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2014(TOI) – Waraana yeroo ammaa gareen shororkeessaa ABUT bane qolachuuf ummanni Raayyaa Ittisaa cinaa hiriiruu akka qabu waamichi darbeera.

Wucaalee fi Cifraatti haleellaa gareen shororkeessaa ABUT raawwateen lammiileen nagaa 30 ajjeefamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Gareen kun Wucaalee fi Cifraaatti haleella raawwateen kanneen lubbuun darbaan malees ummanni baay'een qe'ee fi qabeenyaa isaarra buqqa'eera. Qabeenyii heddus barbadaa'uu Ministirri Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu ibsaniiru.

Weerara gareen shororkeessa bane qolachuuf uummanni Raayyaa Ittisa Biyya waliin ta'uun qolachuu akka qabu waamichi dhihaatera.

Gareen shororkeessaa ABUT Naannoo Affarii fi Amaaratti bakkeew` weraree qabateetti lammilee naga ajjesera. Beellada rasaasan tumee fixeera, durbartootaa fi daa'immanis gudeedera jedhaniiru.

Qabeenya mootummaa fi kan dhuunfasi barbaadeessu dooktar Laggasaa Tulluu himaniiru.

Garichi bakkeewwan humnaan weraree qabatee kanatti badii geesisuu cinaattis bakkewwan hogeen miidhamanii jiran deeggarsi akka hin qaqqabne gochaa jiraachuus himaniiru.

Waraana yeroo ammaa garee shororkeessaan kun bane qolachuuf hunduu Raayyaa Ittisa cina akka hiriiruu waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015