Yunvarsiitiin Dambii Doolloo Obbo Leencoo Lataaf Doktara kabajaa kenneera.

90

Onkololeessa 06/2014(TOI)- Yunvarsiitiin Dambidoolloo Barattoota muummeewwan barnootaa garaa garaan barsiisaa ture guyyaa har'a eebbiseera.

Sirna eebbaa kanarrattis Obbo Leencoo Lataaf Dooktarri kabajaa kan kennamee yoo ta’u, Pirezedaantiin Yunvasriitii Dambii Doolloo Dr.Lataa Tasfayee haasawa taasisaniin eebba guyyaa har’aa yeroo jalqabaaf barattoota digrii 2ffaa eebisuuniifi biyyattiin dhibbaa keessaafi alaarraa dandamachuun yeroo boqonaa haaraa jalqabdeetti ta’uunsaa adda isa taasisa jedhan.

Yunvarsiitiin Dambi Doolloo qorannoowwan rakkoo hawaasaa furan garaa garaa hojjetaa jiras jedhan.

Yunvarsiitichi dameewwan qorannoo shan irratti hojjachaa akka jirus himaniiru.

Yeroo barumsi babal’atu karroonni walitti bu’iinsa ni cufamu,biyyoonni guddatan sababni guddataniif baruumsaf dursa waan kennaniifi isinis barattanii bahuu qofa osoo hin taane wanta baranneen biyyaa keessan jijjiruu qabdu kan jedhan immoo Miseensa Boordii Yunvarsiitii Dambi Doolloo Dr.Nagarii Leencooti.

Yunvarsiticharraa Dooktara kabajaa kan argatan Obbo Leencoo Lataa gama isaanitin Yuunvarsiitii Dambii Dolloo nan galateeffadha,duratti barnootaf haalli mijataan hi turre, haala jijjirameetti faayyadamuu qabna,jijjirama dhufees sirnaan haa qabannus dhaan jechuun OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015