Jilli Obbo Dammaqaa Mokoniiniin durfamuu hojii misoomaa qonna Naannoo Oromiyaa daawwachaa jira.

61

Onkoloolessa 06,2014(TOI)- Jilli Ministira muummee itti aanaa fi Ministira dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokoniniin durfamu hojii misooma qonnaa Naannoo Oromiyaatti hojjetamee daawwachaa jira.

Daawwanna kanarratti Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi hoggantoonni mootummaa fedralaa fi naannoo biroon argamaniiru.

Daawwannichis godina shawaa Bahaa ganda qonnaan bulaa Dhakaakatti xaafii kilaasteraan qotamee daawwachuun kan eegalamee yoo ta'uu daawwannaan kunis guyyoota lamaaf kan itti fufu ta'uu himameera.

Jidduu kana jillki ministira muummee FDRI dooktar Abiy Ahimadiin durfamuu hojii misooma qonnaan naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti hojjetamee daawwachuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015