Obbo Dammaqaa Mokonniin Ministira Dhimmaa Alaa Laayibeeriya waliin mari’atan.

47

Onkoloolessa 05/2014(TOI) - Itti aanaa Ministira Muummeefi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa obbo Dammaqaa Mokonniin Ministira Dhimmaa Alaa Laayibeeriya Ambaakaadar Di Makiisweel Saahi Mayaahi waliin mari’atan.

Marii isaaninis dhimma waloofi dhimmoota Qaxanaa irraatti mari’achuun isaanii himameera.

Marii isaanii kanaanis akkataa waliitti dhufeenyi Itoophiyaafi Laayibeeriyaa giddu jiru caalatti cimsuun danda’amu irraatti waliigalterraa gahamuu Waajjirri Ministeera Dhimmaa Alaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015