Dhalattoonni naannoo Somaalee biyya Ugaandaa jiraatan biyya isaanitti hojii daldalaa fi Inveestimetii adda addaa hojjechuuf qophii ta'uu himan.

74

Onkololeessa 3/2014 (TOI) - Dhalattoonni naannoo Somaalee biyya Ugaandaa jiraatan biyya isaanitti hojii daldalaa fi Inveestimetii adda addaa hojjechuuf qophii ta'uu himan

Ugaandaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Alamtsahaay Masarat dhalattoota naannoo Somaalee biyya Ugaandaatti hojii daldalaa fi Inveestimetiirratti hojjechaa jiran waliin mari'ataniiru.

Dhimmi marii isaanis dhimmoota oomishalee biyya isaanii Itoophiyaatti omishamuu adda addaa Ugaandaa fi biyyoota ollaatti akka rabsan akkasuma biyya isaanitti hojii daldalaa fi Inveestimeetirratti akka hojjetanfarratti mari'ataniiru.

Marii kanarratti Ugaandaatti kanneen hojii daldalaa fi Inveestimetii adda addaarratti bobba'anii hojjetan hirmaataniiru.

Kanneen maricharratti hirmaatanis, Muuxanno daldala qaxanaa Ugaandaatti horatan fayyadamanii oomishaalee Itoophiyaatti oomishaman gabaa Ugandaa fi kanneen biroof dhiheesuuf fedhii guddaa akka qaban himaniiru.

Yeroo biyyi isaanii rakkoo adda addaan qabamtee jirtu kanatti rakkoo kana salphisuuf gahee isaanii akka bahanis himaniiru.

Halaa gabaa bilisaa/Free trade zone/ Ugaandaa keessa jiru fayyadamuun gabaa biyyoota olla keessa galuu akka danda'an kan himan hirmaattoonni marichaa, oomishaalee Itoophiyaa kan ta'an kanneen akka Fuduraa fi Muduraa, bu'aalee gogaarra argaman, Huccuufi oomishalee warshaadha bahan biroo bal'inaan gara gabaa qaxanaa kanatti dhiheesuuf gahuumsa akka qaban himaniiru.

Daladalli kun akka ariifatuuf rakkoo odeeffannoo akkasuma gatii waliin waan walqabatee jiru jalqaba sakata'amee furamuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015