Boordiin Filannoo Biyyoolessaa bu’aa filannoo naannolee Hararii, Somaalee fi Kibbaa ifoomse

61

Finfinnee, Onkololeessa 2/2014 (TOI)-Boordiin Filannoo Biyyoolessaa naannoolee Hararii, Somaalee fi Kibbaatti filannoo gaggeeffamee hordofee ibsa laateera.

Ibsichaan waliigala buufatalee filannoo 5,935 irratti manneen maree bakka bu’oota uummata 47 fi manneen maree naannolee 106tti adeemsi sagalee laachuu gaggeeffameera.

Guyyicha waliigalaan taajjabdoonni hawaasni siiviilii 2,569 dhaabbilee 11 irraa walitti babba’aan taajjabaniiru.

Adeemsi sagalee laachuu xumuramee naannoolee filannootti bu’aan filannoo erga ifoomee booda boordiin filannoos bu’uura seeraatin mirkaneessuuf hojjechaa turu ibsichaan eerrameera.

Adeemsa kanaan paartileen akkasumas kaadhimamtoonni adeemsa filannichaa irratti iyyannoo qaban akka dhiyeessan taasifameera.

Bu’uruuma kanaan paartileen siyaasa jahaa fi kaadhimamtoonni dhuunfa 24 iyyannoosaanii dhiyeessaniiru.

Boordichis iyyannoo dhiyaateerratti qorannoo taasisee kan hin xumurrree ibseera.

Fulbaana 20, 2014 adeemsi sagalee laachuu filattoota galmaa’aan 6,562,534 keessaa lammiilee 5,914,670 sagalee laataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015