Bahireen Riifoormii Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu kan deeggartu ta’uu beeksiifte

99

Finfinnee, Onkololeessa 2/2014 (TOI) – Bahireen Riifoormii Itoophiyaan gaggeessaa jirtu kan deeggartu ta’uu Ministirri Maallaqaa fi Diingdee Biyyaaleessaa biyyattii Sheek Aliimaan Biin Kaliifaa Alkaaliifaan ibsaniiru.

Bahireenitti dursaan Waajjira Qoonsilaa Jeneraal FDRI Ambaasaaddar Jamaal Bakar Ministirri Maallaqaa fi Diingdee Biyyaaleessaa biyyattii Sheek Aliimaan Biin Kaliifaa Alkaaliifaan waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.

Qaamoleen lamaani haala hariiroo diinagdee, Invastimantii, daldalaa fi tumsa hunda galeessaa biyyoota lamaanii daraan cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Itoophiyaan Riifoormii hunda galeessaaa gaggeessaa jiraachuu fi hariiroo biyyoota Baha Giddugaleessaa waliin qabdu kallattii hundaan cimsuuf hojjechaa jiraachuu Ambaasaaddar Jamaal Bakar ibsa taasiisaniiru.

Ministirri Maallaqaa fi Diingdee Biyyaaleessaa Bahireen Sheek Aliimaan Biin Kaliifaa Alkaaliifaan gama isaaniin hundeeffamni mootummaa haaraa Itoophiyaa karaa nagaan xumuramuu gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.

Bahireen Riifoormii Itoophiyaan gaggeessaa jirtuuf deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiiftu ta’uu kaasaniiru.

Gumaacha lammiileen Itoophiyaa guddina diinagdee Bahireeniif taasiisaa jiran galateeffataniiru.

Ministirri Maallaqaa fi Diingdee Biyyaaleessaa Bahireen Sheek Aliimaan Biin Kaliifaa Alkaaliifaan obbo Ahimad Shiideen Ministira Maallaqaa ta’uun irra deebiin muudamuu isaanii ergaa baga gammaddanii dabarsuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015