Yuunivarsiitiin Finfinnee fi Intarpiraayiziin dhaabbata geejibaa galaanaarrafi loojisitii Itoophiyaa waliin hojjechuuf walii galtee mallatteessan.

64

Finfinnee,Onkolooleesa 02/2014(TOI)- Yuunivarsiitiin Finfinnee fi Intarpiraayiziin dhaabbata tajaajila geejibaa galaanaarrafi loojisitii Itoophiyaa waliin hojjechuuf walii galtee mallatteessan.

Waalii galtichi hanqina humna namaa dameen kun qabu furuuf kan gargaarudhas jedhameera.

Waliigaltichaas Pireezidanitii Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofesaar Xaasoo waladahaannaa fi Hojii geggeessa olaanaa Intarpiraayizii dhaabbata tajaajila geejibaa galaanaarrafi loojisitii Itoophiyaa obbo Roobaa Magarsaatu mallatteesse.

Piroofesar Xaasoo Waladahaannaa akka jedhaniitti Yuunivarsiitiin Finfinnee gahumsaa humana namaa akkaadamii loojistiikii gama kanaan jiru cimsuuf fedhii fi dandeetti gahaa qaba jedhaniiru.

Leenjiwwan gaggabaaboo fi sadarkaa digirii jalqabaa fi lammataatti damee kanarratti kennuun humana nama gahumsaa fi dandeetti qabu horachuuf kan hojjetan ta'uu himaniiru.

Waliigaltichi akkaadamichi ogeessota sadarkaa addunyaatti gahumsa qaban akka horatuuf ni gargaara jedhaniiru.

Hoji geggeessan Intarpiraayizii dhaabbata geejibaa galaanaarrafi Tajaajila loojisitii Itoophiyaa obbo Roobaa Magarsaa akka jedhanitti akkaadaamiin Maartayimii fi tajaajila loojistikii humana guutuun itti fayyadamurratti hanqinatu ture.

Waliigalteen kunis rakkoo kana furuun ogeesootaa maartayimii fi Tajaajila Loojistikii gahumsa qaban horachuuf ni gargaara jedhaniiru.

Damee kanaan sadarkaa addunyaattis Itoophiyaan humana nama gahumsa qabu uumuun sharafa alaa akka argattu gahee isaa bahuu danda'a jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015