Baatii Onkolooleessaatti gatiin gurgutaa qinxaaboo boba’aa akkuma duraan turetti itti fufa.

60

Onkolooleessa 01/2014(TOI)- Baatii Onkolooleessaatti gatiin gurgutaa qinxaaboo boba’aa gatii boba’aa xiyyaaraan alatti haala baatii Fulbaana 2014 darbeen kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa qaxanaalee beeksise.

Wayita ammaa gabaa Idil-addunyaa irratti dabalaa kan jiru gatii gurgurtaa oomisha boba’aa ta’uu himameera.

Haa ta’u malee mootummaan haala yeroo biyyatti tilmaama keessa galchuun sosochii dinagdee fi hawaasummaa tasgabbaa’ee akka itti fufuuf baatii Onkolooleessaatti gatiin gurgutaa qinxaaboo boba’aa gatii baatii darbeen akka itti fufu murtaa’uu Ministeerichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015