Alaabaa Itoophiyaa qabatanii birmadummaafi tokkummaa daangaashee kabachiisuuf qophii tahu miseensonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa himan. - ENA Afaan Oromoo
Alaabaa Itoophiyaa qabatanii birmadummaafi tokkummaa daangaashee kabachiisuuf qophii tahu miseensonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa himan.
Finfinnee, Onkololeessa 01/2014(TOI) - Alaabaa Itoophiyaa qabatanii birmadummaafi tokkummaa daangaashee kabachiisuuf qophii tahu miseensonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa himan.Hoggantoonnifi miseensoonni waajjira Ministeera Ittisaa jiran guyyaa Alaabaa kabajan.
Daareektarri Dhimma Dubartootaa Ministeera Ittisaa Mejer Jeneeraal Xiruyyee Asaffee,sagantaa kanarratti Alaabaa fannisaniiru.Miseensoonni raayyaa sagantaa kanarratti argamaniis, ’’Birmadummaa Itoophiyaafi kabaja alaabaa isheef jenne wareegama kamuu kaffaluuf qophoofne jirra’’ jedhaniru.
Alaabaa Itoophiyaa fuulduratti qajeelchanii birmadummaafi tokkuummaa daangaashee kabachiisuuf qophii tahus himaniru.
Indooktirineeshinii Raayyaa Ittisaa irraa Birgadeer Jeneeraal Asfaaw Maammacaa, ibsitu birmadummaa biyyaa kan tahe guyyaa kabaja alaabaa kabajuun hunda keenyaa kan boonsudha jedhaniru.
Miseensa raayyaa yoo taate ammo alaabaan hiikkaa addaa qaba; dirqama wayita fudhattu hanga wareegama lubbuu kaffaluufi jechuun himaniru