Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad, hoggansi harka qulqulluufi qajeelummaan biyyasaa tajaajiluu qaba jedhan.

60

Onkololeessa 01/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad, hoggansi harka qulqulluufi qajeelummaan biyyasaa tajaajiluu qaba jedhan.

Akkaadaamii Hoggansa Afrikaatti, Ministirota fi hogganttoota olaanoo mootummaa haaraa muudamaniif leenjiin kennamaa jira.

Sirna baaniinsa leenjii kana irratti Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad haasawaa taasisaniin, hoggansi harka qulqulluufi qajeelummaan biyyasaa tajaajiluu qaba jedhaniiru.

Badhaadhina Itoophiyaa kan mirkaneeffamu qabeenyaawwan Itoophiyaan qabdu qixa sirriin misoomsuu, ciminaan hojjechuu, harka qulqulluunifi qajeelummaan biyya yoo tajaajilan ta’uu himaniiru.

Hogganttoonni kunneen erga leenji’anii boodas kaayyoo cimaaf miira waliin hojjechuuf leenjicha irraa beekumsa argatan gara hojiitti jijjiiruu akka qabanis himaniiru.#DhPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015