Aadde Adaneech Abeebee magaalaa Finfinneetti barnoota bara 2014 jalqabsiisan.

86

Finfinnee, Onkololeessa 1/2014 (TOI) - Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee mana barnootaa Addis Mi’raafi jedhamutti argamuun barnoota bara 20/2014 jalqabsiisan.

Aadde Adaanech mana baranoota kanatti meeshaalee barnootaa barattootaaf gumaachuusaanis himameera.

Sirna jalqabbii barnootarratti Kaantiibaan Maagalichaa Aadde Adaanach Habeebee dabalatee aanga’oonni mootummaa olaanoon Bulchiinsa Magaalichaa argamaniiru.

Boqonnaa haaraan hojii baruufi barsiisuu ciminaan raawwachuu qabna jedhan Aadde Adaanech.

Magaalaa Finfinneetti sirni baruufi barsiisuu kan bara 2014 manneen barnoota Mootummaa fi kan dhuunfaatti har'a jalqabameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015