Figichi guddaan daandirraa fageenya km 5 Roobee Baaleetti adeemsifame.

50

Roobee, Fulbaana 30/2014(TOI)- Figichi guddaan daandirraa fageenya km 5 Roobee Baaleetti adeemsifame.

Fiigichi daandirraa kun mata duree Baalehoo karaa jedhuun kan adeemsifamee yoo ta'u qindoomina Koomishinii Turiizimii Itoophiyaafi Saadiyyaa maltii-miidiyaan qophaa'e jedhameera.

Iddoolee hawwata turiizimii godinichi qabu beeksisuun kaayyoo fiigichaa kanaa tahuuniis ibsameera.

Fiigichi daandirraa kun iddoolee hawwata turiizimii kunneen sadarkaa addunyaatti akka beekamaniif tumsa guddaa qabas jedhame.

Saganticharratti Miis turiizimiin Oromiyaa bara 2014 kan taate Haliimaa Abdulshakuur fiigichaa kanarratti hirmaatteeti.

Saganticha kan eegalchiisan kantiibaan Magaalaa Roobee obboo Gazzaahanyi Dajanee fiigichi daandirraa akkanaa kun iddoolee hawwata turiizimii beeksisuun cinaatti sossochii daldala magaalaa si'eessuu keessatti gahee ol'aanaa qaba jedhan.

Bakka bu'aan koomishiin Turiizimii Itoophiyaa obboo Fistum kaasaahun koomishiinichi iddoolee hawwata turiiziimii beeksisuun fayyadamummaa diinagdee seektara kanaa guddisuuf hojjachaa jira.

Fiigichi guddaan Oromiyaa Godina Baalee irratti yeroo 3ffaaf qophaahes agarsiiftuu carraaqqii kanaati jedhan.

Atileetonniif jiraattonni fiigicharratti hirmaatan gama isaaniitiin sagantaan fiigichaa sochii ispoortii godinichaa si'eessuu keessatti qooda ol'aanaa qaba jedhan.

Fiigicharratti atileetota hirmaachuun sadarkaa 1ffaa hanga sadaffaa bahaniif badhaasni mallaqaaf meedaaliyaa badhaafamanii jiru.

Fiigicha ka'usaaf xumura isaa marfata jeneraal waaqoo guutuu godhachuun geggeefame kanarratti atileetotaafi jiraattonni kuma sadi hirmaachuu isaanii qopheessitoota sagantichaarraa baruun dandahamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015