Paarkiin Tokkummaa waggaa 2 keessaatti daawwattoota kuma 590 oltu daawwate jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Paarkiin Tokkummaa waggaa 2 keessaatti daawwattoota kuma 590 oltu daawwate jedhame.
Finfinnee, Fulbaana 29/2014 (TOI)- Paarkiin Tokkummaa waggaa 2 keessaatti daawwattoota kuma 590 oltu daawwate jedhame.
Paarkiin Tokkummaa hojii kaka’umsa Ministira Muummee dooktar Abiy Ahimadiin Magaalaa Finfinneetti hojjetaman keessaa isa tokko.
Paarkiin kun tajaajila kennuu erga eegalee waggaa 2 ta'eera.
Paarkiichis waggaa lammaaffa tajaajila kennuu itti jalqabe kabajeera.
Daarektarri olaanaa Paarkichaa dooktar Taammiraat Hayilee haala turtii waggaa lamaa paartichaarratti ibsa kennaniiru.
Paarkichi akka hundeeffamuu yaada kan dhiheessanii fi kan hundeessan dooktar Abiy Ahimadifis galata galchaniiru.
Waggaa lama keessaattsi daawwattoonni biyyaa keessaa fi alaa kuma dhibba 5 fi kuma 90 daawachu kan himan daarektarii olaanaa paarkicha kanneen keessaa kuma 487 ta'an kanfaltiin kan daawwatan ta'uu himaniiru.
Kanneen kuma 100 ta'an immoo osoo hin ka.faliin tola daawwachuu isaanis himaniiru.
Daawwatoota Paarkicha daawwatan keessaas kumni 25 lammilee biyya alaa ta'uu dooktar Taammiraat Hayilee himaniiru.
Yeroo ammaa kanas Paarkichi maqaa gaarii biyyaa ijaaruu keessatti gahee guddaa bahachaa jiraachus himaniiru.
Hojiin Paarkichaa ilaalicha hindanda'amu jedhu kan cabsedha kan jedhan daarektarichi haalaa gaarii biyyaa beeksisuu keessatti hojiin bal'aan hojjetamuu himaniiru.
Paarkiin tokkummaa lammilee hedduufis carraa hojii kan uumeef ta'u dooktar Taammiraat himaniiru.
Paarkiichi erga hojii jalqabee sababaa Vaayirasii koroonaatiin baatii 6 cufamee turus himaniiru.