Yuunvarsiitiin Arbaa Minci barattoota kuma 6 ol eebbise.

92

Finfinnee , Fulbaana, 29/2014 (TOI)- Yuunvarsiitiin Arbaa Minci har'a barattoota muummee barnoota garaagaraan barsiisaa ture kuma 6 ol eebbiseera.

Kanneen Yuunivarsiitichi har'a eebbise keessaa kuma 6fi 34 digirii jalqabaan, 517 digirii lammataan, 5 immoo digirii sadaffaan kanneen barnoota isaanii hordofaa turan walii galaan bartoota 6556 akka ta'e sirna eebbaa kanarratti himameera.

Yuunivarsiitiin Arbaa miinci baratoota har'a eebbise malee haga ammaatti baratoota kuma 63 ol eebbiseera.

Sirna eebba baratoota kanarratti daarektarri olaanaa Ejensii tajaajila nageenya odeeffannoo dooktar Shumatee Gizawufi Itoophiyaatti Ambaasaaddara Indooneezhiyaa Ambaasaaddar Alii Busihiiraa Basinuur keessummaa kabajaa ta'uun arsmaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015