Gabaasa sobaa CNN, Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa irratti baasa jiru, qaama dhiibbaa Itiyoophiyaa irratti taasifamaa jiruuti

101

Fulbaana 28/2014(TOI)- Gabaasa sobaa CNN, Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa irratti baasa jiru, qaama dhiibbaa Itiyoophiyaa irratti taasifamaa jiruuti jedhan Walitti qabaan Boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa.

Miidiyaan CNN, gabaasa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irratti baasaa jiru sobaafi kan waldhahu dha.

Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa seeroota daandii xiyyaara Idil-addunyaa kabaje hojjataa jiru tahu himani, gabaasni sobaa CNN Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa irratti tibbana baasa jiru qaama dhiibbaa Itoophiyaa irratti taasifamaa jirutis jedhan Obbo Abbaa Duulaan.

Gabaasni CNN baasaa jiru dhugaarraa kan fagatees jedhan; kunis dhiibbaa akka Idil-Addunyaatti Itoophiyaa irratti taasifamaa jiru keessa tokkos jedhan.

Kaayyoon gabaasa kanaa dhaabbataa Xiyyaara Idil-Addunyaafi mallattoo Itiyoophiyaa kan ta’e Daandii Xiyyaara Itoophiyaa maqaa balleessuun gabaa keessaa baasuuf akka ta’es himan.

Mootummaan Itoophiyaas adeemsa seeroonni daandii xiyyaara Idil-addunyaa fayyadaman fayyadame malee adeemsa biraa hin hordoofnees jedhan Obbo Abbaa Duulaan.

Sababni inni guddaas Daandii Xiyyara Itoophiyaa hamma eeggamu ol bu’aa qabeessa ta’u irraa kan ka’e, maqaa balleessuuf adeemsa deemamaa jirus jedhan.

Yeroo weerara vaayiraasii koroonaattis daandiin xiyyaara biyyoota garaagaraa deeggarsa mootummaa gaafataniifi lakkoofsa hojjetoota isaani hir’isan mul’ate tures jedhan.

Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa garuu yeroo rakkisa akkasii mudateetti, of-danda’e dhaabbachaa turu irra darbe bu’aa qabeessaas ta’aa ture jedhan Obbo Abbaa Duulaan.#DhPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015