Gaazexeessitoonni lama badhaasa Noobeelii nagaa baranaa fudhatan

54

Fulbaana 28/2014(TOI) - Gaazexeessitoonni Maria Ressa fi Dmitry Muratov jedhaman Badhaasa Noobeelii Nagaa baranaa walabummaa miidiyaaf ''kutannoo cimaan qabsoo taasisaniif'' badhaafaman.

Koreen badhaasa Noobeelii gaazexeessitoota Filippins fi Raashiyaa kanneen ''Yeroo addunyaarra demokraasii fi walabummaan miidiyaa danqaa hamaa jala jiran kanatti, addunyaarra bakka buutota gaazexeessitoota yaada kanaaf dhaabbataniiti'' jedhaniin.

Badhaasa Institiyuutii Noobeelii Noorweey, Oslootti argamutti ifoome kanaan, badhaafamtoonni lamaan kun maallaqa kiroonaa Swiidin miiliyoona 10 yookaan doolaara miiliyoona 1.1 argatu.

Jarri lamaan kun kaadhimamtoota 329 dorgoman keessaa mo'achuu isaaniitu himame.

Kanneen barana badhaasa kana mo'atu jedhamuun tilmaamni kennameef keessaa shamarreen rogeettii jijjiirama qilleensaa Giteetaa Tanberg, dhaabni mirga miidiyaaf falmu Reporters Without Borders (RSF) fi qaamni fayyaa addunyaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) turan.

Tamsaasa kallattii dabraa tureen Aadde Ressaa oduu kana booda ''rifachuu'' himte.Hundeessituu marsariitii oduu Rappler ka taate Aadde Ressa, mirga walabummaan yaada ofii ibsuu fayyadamuun ''biyyashee Filippinsitti seeraan ala aangoo fayyadamuu, hokkoraafi abba irrummaa dagagaa dhufe saaxilte.''

Maddi : - BBC


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015