Yaa'iin dhaabbilee amantaa Sulultaatti dubartoota harka qalleeyyiif deegarsa taasise.

56

Fulbaana 28/2014 (TOI) - Yaa'iin dhaabbilee amantaa Itoophiyaa Magaalaa Sulultaatti dubartoota harka qalleeyyii jiraataniif deegarsa taasise.

Hogganaan yaa'ii dhaabbilee amataa Itoophiyaa luba Taagay Taddalee magaalaa Sulultaatti argamuun deeggarsicha harka qalleeyyii kanneenif kennaniiru.

Yaa'ichi deggarsa kana kan taasisee Waldaa Kirstaanaa Noorwey waliin ta'uu kan himan lubichi deeggarsichi harka caalaan meeshalee dubartoonni qulqulinaaf itti fayyadaman,Saamuunaa,Saanitaayizeerfaadha jedhaniiru.

Yeroo kana vaayirasiin Koroonaa babal'achaa waan jiruuf vaayirasichaa ittisuufis kan oolu ta'uus himaniiru.

Hawaasni naannoos kanneen rakkataan akka gargaruuf fakkeenya ta'uufis akka ta'ee luba Taagal himaniiru.

Deegarsicha buqqatoota naannicha qubatanii jiran bakka bu'uun kan fuudhan aaddee Tsahaay Geetahuun akka jedhanitti deegarsichi rakkoo dubartoonni harka qalleeyyii kunneen qaban xiqqeessuu keessatti gahee guddaa qaba.

Yaa'ichas galateeffachuun, dhaabbileen biroos akkuma yaa'ii kana kanneen harka qalleeyyi ta'an akka gargaaraan waamicha taasisaniiru.

Yaa'iin dhaabbilee amantaa Itoophiyaa kaaba Itoophiyaatti kanneen sababaa rakkoo nageenyaan qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'anii jiran gargaaruuf qabeenya walitti qabaa jiraachuus Luba Taagal Taddalee himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015