Tajaajila geejiba baaburaa fooyyesuuf hirmannaan qamoolee nageenyaa murteessadha.

76

Fulbaana 28/2014 (TOI) - Kennisa tajaajila geejiba Baaburaa foyyeesuufi si'ataa taasisuuf qaamolee nyageenyaa sadarkaan jiranii fi hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Waldaan Aksiyoonaa Baabura Itiyo- Jibutii hime.

Daarektarri olaanaa waldichaa Injinaar Xilahuun Sarkaa Adaamaatti Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, Tajaajjilli geejiba Baaburaa bara bajataa darbee meeshalee biyya alaatii gara biyya galan harka 50 buufata dooniirra kaasuu danda'eera.

Baaburri tokko Jibutii gahee deebi'uuf saatii 24 itti fudhata. Fe'umsaa yeroo tokko fe'ee deebi'uunis Koniitinarootaa konkolaattoonni gurguddoon 53 fe'aanii torbaan tokkoof imaalan waan fe'uuf turtii koniitinaroonni buufata doonii turan kan torba tokko gara guyyaa tokkootti deebisuu danda'eera jedhan Injinaar Xilahuun.

Kanaanis meeshalee alaa galaniifi alaatti ergaman toonii miiliyoona 10 imaalchisuu danda'eras jedhaniiru.

Tajaajila kana caalaatti si'ataa fi ariifataa taasisuuf mariin qophaa'uu himaniiru.

Nageenyii Baaburaa fi haalli nageenya yoo to'atame tajaajilli geejiba Baaburaas si'ataa fi ariifataa ta'aa kan jedha Injinaar Xilahuun Sarkaa Kanaafis Godinaalee fi Aanaleen Baaburri keessa qaxaamuru gahee guddaa qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015