Lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuuf socho’aa kan turan garee hidhattoota Shaneerratti tarkaanfiin fudhatame

102

Finfinnee, Fulbaana 27/2014 (TOI)- Godina Gujii bahaatti Lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuuf socho’aa turan garee hidhattoota Shaneerratti tarkaanfii fudhatameera.

Gareen shororkeessitootaa Shanee ku ABUT waliin ta’uun naannoo Oromiyaa iddoowwan tokko tokkootti lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuuf sochoo’aa osoo jiranii tarkaanfiin irratti fudhatame jedhameera.

Garee kun godina Gujii aanaa Gooroo Doolaa ganda Adaadii fi maqaa addaan Mugaayyoo jedhamutti yaalii haleellaa taasisuu ibsameera.

Tarkaanfii qamooleen nageenya garicharratti fudhateenis baay'een isaanii ajjefamuu maddeen himaniiru.

Kanneen ajjefamanis eenyummaan isaanii akka hin baramaneef gareen kun reeffa fudhatee baqachaa jirachuu himameera.

Kanneen ajjeefaman keessaa hoggantoonni garee kana jiraachuu akka hin oollees maddee dhimma kana hordofaan himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015