Manni Marichaa walga'ii hariifachiisaa taa'een dhimma Itoophiyaarratti waliigaltee malee adda baheera.

72

Finfinnee,Fulbaana 27/2014(TOI) -Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani, hojjattoota dhaabbatichaa 7 mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii biyyaa akka bahan irratti fudhate ilaalchisuun mari’ate.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtomanni Antooniyoo Guutareez, murteen Itoophiyaan murteessite seera dhaabbatichan faallaa kan ta’edha jedhaniiru.

Dhaabbata Biyyoota Gamtomannitti, Ambaasaaddarri Itoophiyaa obbo Taayyee Atsiqasillaasee yaada Antooniyoo Guutareez dhiyeessan sirrii akka hin taane hubachisaniru.

Ambaasaaddar Taayyeen, tarkaanfiin Itoophiyaan fudhatte seera Idil-adduunya bu’uura kan taasifate ta’uu ibsuun, tarkaanfii biyyi birmadummaa qabduu tokkoo fudhatte ilaalchisuun mariin taa’amun isaa kan nama ajaa’ibsiisuu tahu himaniru.

Biyyi birmadummaan bultu tokkoo daangaa ishii gadhiisanii akka bahan yoo murteessitu Itoophiyaan tarkaanfii akka kanaa fudhachuun ishii kun kan jalqabaa mitiis jedhaniiru Ambaasaaddar Taayyeen.

Akkaataa bu’uura seera Dhaabbata Biyyoota Gamtomanitti, hojjattoota 7 irratti tarkaanfiin fudhatame haalli itti ibsu gaafatamu hin jiru.

Bu’uura qajeelfama naamusa Mana Marichaan (General guiding principles for humanterian assistance 46/182)’n tokkuummaafi birmadummaan biyyoota kabajamuu akka qabu ni mirkaneessa.

Haaluma kanaan biyya birmadummsa qabdu tokkoo keessatti aangoo eenyuu akka seenu, turuufi bahuu akka qabuu murteessuu kan qabuu biyyattidhuma jechuun Ambaasaaddar Taayyee himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015