Jilli Pireezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu Jigjigaa gale

68

Finfinnee, Fulbaana 27/2014 (TOI)- Jilli Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu magaalaa Jigjigaa galeera.

Ministira Qonnaa obbo Umaar Huseen, Af Yaa’iin Mana Maree naannoo Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurramaan akkasumas hoggantoonni biroon jila kana waliin jiru.

Jilichaafis pireezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammaad, itti aanaa pireezdaantii naannichaa obbo Abraahiim Usamaaniin dabalatee hoggantoonni naannichaa simannaa taasifamuufiru jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015