Magaalichatti baatiwwan lamaan darbanitti galiin Birrii biiliyoonni 10.4 walitti qabame

51

Finfinnee, Fulbaana 26/2014 (TOI)- Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee baatiwwan lamaan darbanitti Birrii Biiliyoona 10.4 galii walitti qabuu beeksiise.

Biirichi galii walitti qabuuf karoorfate % 119.8 milkeessuu ibseera.

Baatiwwan Adoolessaa fi Hagayya Birrii biiliyoona 8 fi miiliyoona dhibba 7 walitti qabuuf karoorfatee Birrii biiliyoona 10 fi Miiliyoona dhibba 4 walitti qabuu ragaan Biiroo Galiiwwanii magaala Finfinneerra argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015