Hoggaantoonni biyyoota adda addaa sirna kakuu hundeeffama mootummaa haaraa Itoophiyaarratti argamaan ergaa dabarsaniiru.

66

Finfinnee, Fulbaana 24/2014 (TOI)- Sirna hundeeffama mootummaa haaraa Itoophiyaa Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamurratti hoggantoonni mootummaa biyyoota alaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef hedduun argamaniiru.

Sirna hundeeffama Mootummaa haaraa Itoophiyaatti geggeeffama jiru irratti argamuun haasaa kan taasisaan Pireezidantiin Ugaandaa Yuuweerii Muuseeveenii uumattoota Itoophiyaa fi dooktar Abiy Ahimadiif erga baga gamadanii dabarsaniiru.

Afrikaanootaaf siyaasni sanyuummaa hafee siyaasa tokkummaa fi faayida biyyarratti hojjechuutu barbaachisaadha jedhan pireezdaantichi.

Pireezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayaardiit Ministira muummee FDRI dooktar Abiy Ahimadii fi ummananni Itoophiyaa marti baga gammaddan jedhaniiru.

Sudaan Kibbaa bilisummaa ishee akka argattuuf Itoophiyaan durii eegaltee shoora ishee ba’aa turterti jedhan.

Itoophiyaan Sudaan Kibbaaf haadha ta’uu dubbatan.

Sudaan Kibbaa akka tasgabooftuuf Itoophiyaan shoora olaanaa ba’uu ishee eeraniiru.

Pireezdaantiin Seeneegaal Maakii Saal sagantaa kanarraatti argamuun Ministiraa muummee Dooktar Abiy Ahimad irratti argamuun ummattoota Itoophiyaa fi Ministira Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimadiif erga baga gammadanii dabarsaniru.

Pireezdaantiin Jibuutii Isimaa’el Oomar Gileehi ergaa baga gammaddanii Ministiraa Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimadiif dabarsaniiru.

Ergaa isaaniitiin gumaachi Itoophiyaan Gamtaa Afrikaa keessatti qabdu olaanaa ta’uu fi deeggarsa isheen gamtichaaf taasistu dinqisiifataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015