Mootummaa uummataan filatame tajaajiluun murtoo uummataaf bitamuudha- Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa.

81

Fulbaana 24,2014(TOI)-Mootummaa uummataan filatame tajaajiluun seera qabeessummaa qofa osoo hin taane murtoo uummataaf bitamuu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksise.

Heera mootummaa Itoophiyaa keeyyata 8 lakkoofsa 2 irratti, “heerri mootummaa kun ibsituu birmadummaa isaaniiti” kan jedhu ta’uu fi Raayyaan Ittisa Biyyaa wareegama guddaa kaffaluun waadaa isaa eegee guyyaa hundeeffama mootummaa uummanni filatee gahuu isaa Daayreektarri Sab-quunnamtii Ministeerichaa Koloneel Geetnat Adaanee ibsaniiru.

Kun immoo amanamummaa Uummata Itoophiyaaf qabnu kan mirkaneessuu waan ta’eef birmadummaa keenya eegne as waan geenyeef gammachuu guddaatu nutti dhagahama jedhaniiru.

Aangoon kara filannoo qofa malee karaa qaxxaamuraa kamiinuu kan hin argatamne ta’uu heerri mootummaa tumee jira.

Raayyaan Ittisa Biyyaa tumaalee heeraa kana dhugoomsuuf gatii seenaan hin daganne kaffaluu Koloneel Geetnat ibsaniiru.

Gara fuuldurraattis Mootummaa uummanni Itoophiyaa filateef ajajamuunii fi akkuma kaleessaa har’as qabsoo keenyaan biyya sodaatamtuu fi kabajamtuu dhaloota dhufuutti dabarsuuf kan hojjetan ta’uu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muuldhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015