Manni maree haaraan sabdaneessummaa cimsuuf hojjechuu qaba

75

Fulbaana 23/2014(TOI) Miseensonni mana maree haaraan olaantummaa heeraa mootummaa akka kabajamuu fi sabdaneessummaa cimsuuf hojjechuu qabu jechuun afa yaa’iin mana maree federeeshinii obbo Adam Faaraah ibsan.

Manni maree federeeshinichaa miseensota bara paarlaamaa 6ffaaf leenjii kennaa jira.Xiyyeeffannoon leenjii kanaa mana marichaatti aangoo fi hojiiwwan heera mootummaa akkasumas hojimaataa fi danbii naamusa miseensotaa ilaalchiseeti.

Afa yaa’iin mana maree obbo Adam Faaraah waqtii kana akka ibsanitti miseensonni mana marichaa olaantummaan heera mootummaa akka mirkanaa’uuf hojjechuu qabu.

Akkasumas biyyattiitti fayyadaminsi qabeenyaa karaa haqa qabeessaa ta’uu akka qabus hubachiisaniiru.

Miseensonni mana mree federeeshinii hojiiwwan mana marichaatti hojjetamanii fi hojiiwwan fooramii jalqabaman itti fufsiisuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015