Ayyaanni Irreechaa Kaartumitti kabajame

59

Fulbaana 22/2014 (TOI) --- Ayyaanni Irreechaa dhalattoonni Oromoo fi lammiileen Itiyoophiyaa bakka argamanitti Sudaan magaalaa Kaartumitti kaleessa kabajameera.

Sudaanitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Yibalxaal Aamiroo sirnicharratti ergaa dabarsaniin Irreechi ummanni Oromoo addunyaaf kan gumaache duudhaa aadaa ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan aadaa fi seenaa hedduun kan badhaate ta’uu kan eeran ambaasaaddarchi duudhaalee fi aadaalee uumamni nu badhaase kanneen eeguudhaan dhalootatti dabarsuu qabna jedhaniiru.

Tokkummaa keenya cimsuudhaan daba alaa fi keessaa nutti aggaamame fashaleerssuuf ga’ee lammummaa keenya bahachuu qabna  jechuun weebsaayitiin eembaasii Itiyoophiyaa Sudaanitti argamu mul’iseera,

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015