Komiishinichi irreechi Hora Finfinnee nagaan akka kabajamuuf qamoleen nageenyaa qophii xumuruu ibsame

46

Finfinnee, Fulbaana 21/2014 (TOI)- Irreechi Hora Finfinnee guyyaa boruu kabajamu karaa nagaan akka kabajamuuf qamoleen nageenyaa qophii xumuruun gara hojiitti galuu komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee ibseera.

Ayyaana Galateeffannaa, Jaalalaa, Nageenya fi Dhiifamaa ta’e kana Itoophiyaattis sadarkaa biyyaalessaatti sagantaa garaagaraatiin kabajuuf qophiin xumuramuu ibsameera.

Ayyaanichi nagaan akka kabajamuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, Poolisii Federaalaa, Oromiyaa fi Magaalaa Finfinnee, Biiroo Nageenyaa fi Tasggabbii magaalichaa akkasumas qaamolee dhimmi isaa ilaallatu irraa koreen garaagaraa hundaa’uun hojiitti galamuu ibsameera.

Ayyaana namoonni hedduun kabajan kana nageenya isaa eeguun akka kabajamuuf qamoleen nageenyaa hundi qophii barbaachisaa ta’e xumuuruun hojiitti galuu Poolisiin magaalichaa Ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015