Waliigalteen Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaaf carra hojii mijeesuu Gamtaa Immireetoota Arabaa waliin taasifame.

56

Fulbaana ,20/2014 (TOI) -Waliigalteen Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaatiif Gamtaa Immireetoota Arabaatti carra hojii mijeessuu dandeesisuu mallatteeffamuun himamee.Komishiinii carra hojii Uumuu, Ministeera dhimma hojjetaa fi Hawaasummaa akkasuma Ministeerri Fayyaa, Gamtaa Imireetoota Arabaatti kan argamu Rispaanis Puulhoopis hooldiing waliin waliigaltee carraa hojii uumu irratti mallateessaniiru.

Waliigalticha Ministeerri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa mallatteesaniiru.

Dooktar Liyaan carraa hojii ogeeyyoota Fayyaaf uumameef galateeffataniiru.Waliigalteen kun Ogeeyyii fayyaa Itoophiyaaf carraa hojii uumuun cinaatti Gamataan Immireetoota Arabaa yaala fayyaa ammayyaa'een beekamtuu waan taateef kana irratti beekumsaa fi muuxxannoo akka ogeeyyiin kun argataniif ni gargaraa jedhaniiru.

Waliigalteen kun kan raawwatee labsii mootummaan Itoophiyaa dhimma bobbii hojii biyya alaa fooyyeese hordofee kan raawwatedha.Waliigaltee kanaanis sadarkaa adda addaatti ogeeyyiin fayyaa 200 ta'aan jiddugala yaala fayyaa beekamoo fi hospitaaloota gurguddoo adda addaatti hojii jalqabsiisuuf kan gargaaru ta'uu ragaan Komishiinii Carraa hojii Uumuurra argame ni mul'isa.

Riispoonsi Poolishooliding dhaabbata Abuu daabiitti tajaajila damee fayyaa kennu yoo ta'u Kilinikootaa 260 qaba. Dhaabbata tajaajila Ambuulaasii ammayyaa biyyichatti keennus ta'uun himameera.Dhaabbanni kun yeroo dhihootti Waajjira isaa Itoophiyaatti akka jalqabsiisuus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015