Aadde Faantuu Tasfaayee Af-Yaa'ii mana maree naannoo Amahaaraa ta'uun muudaman.

62

Fulbaana 20/2014 (TOI) - Aadde Faantuu Tasfaayee Af-Yaa'ii mana maree naannoo Amahaaraa ta'uun muudaman.

Manni maree naannoo Amahaaraa yaa'ii hundeeffamaa taa'a jira.

Manni marichaa obbo Amaaree Saxxee immo Itti aanaa Af-yaa'ii mana marichaa taasisuun muudeera.

Af-yaa'ii mana marichaa ta'uun kan muudaman Faantuu Tasfaayee waggoota shanaan darbaan mana marii naannichaatti koree dhaabbii humana namaa fi Turizimii ta'uun tajaajila akka turan himameera.

Waggoota 20 darbaan bakkeewwan gargarattii uummata isaanii tajaajila kan turan waan ta'eef muuxannoo fi beekumsa horataniin uummata isaanii bakka amma itti muudaman kanatti tajaajiluu ni danda'u jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015