Magaalaa Jigjigaatti Uummanni Filannoo marsaa 6ffaa irratti hirmaachuun Sagalee isaa kennaa jira

77

Finfinnee, Fulbaana 20/2014 (TOI)- Naannolee filannoo Magaalaa Jigjigaa keessatti argamanitti Uummanni hiriiraan ba’ee Filannoo marsaa 6ffaa irratti hirmaachuun Sagalee kennaa jira.

Uummanni haala tasgabbii qabuun sagalee isaa gana barii ireraa jalbee kannaa jirachuu ibsameera.

Magaalaa Dagaaburiis filannoo kanarraatti uummanni ganamaan ba'ee karaa tasgabbii qabuun hirmaachaa jiraachuu himameera.

Bufataalee filannootti argamuun kanneen filannoo sagalee isaanii kennaan akka himanitti Uummanni haala diimokiraatawaa fi bilisa ta’een bakka bu’aa na tajaajila jedhanii yaadaan filachuu himaniiru.

Kenniinsi sagalee akkaataa Vaayrasii Koroonaa ittisuun danda’amuu fi nagaan akka xumuramuuf jiraattoonni magaalichaa tumsuu akka qaban dhaamamuu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015