Kabaja Ayyaana Irreechaa ilaalchisee Finfinneetti mariin gaggeeffamaa jira

139

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (TOI) - Kabaja Ayyaana Irreechaa ilaalchisee hoggantoonni mootummaa, Abbootiin Gadaa, Hadholiin Siinqee fi jaarsoliin biyyaa magaalaa Finfinneetti marii gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Sirni kabaja Ayyaana Irreechaa duudhaalee waliin jireenyaa, araaraa fi nageenyaa qabatee kan kabajamu ayyaana guddaa ta’uu ibsameera.

Ayyaanichi duudhaalee isaa eeggatee nagaa fi waloon akka kabajamuuf hoggantoonni mootummaa, Abbootiin Gadaa, Hadholiin Siinqee fi jaarsoliin biyyaa magaalichatti marii taasisaa kan jiran ta’uu ibsmeera.

Maricharratti barreeffamni ka’umsaa dhiyaatee hirmaattotaan yaadni irratti kan kennamu ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015