Dr.Illeenii Gabramadiin hooggantuu olaantuu hojii kalaqaa Afriikaa sagantaa misoomaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNDP) ta’uun muudaman.

93

Finfinnee, Fulbaana 18/2014(TOI)-Hundeessituun Dhaabbata Gabaa Oomisha Itiyoophiyaa ‘ECX’ duraani Dr.Illeenii Gabramadiin hooggantuu olaantuu hojii kalaqaa Afriikaa sagantaa misoomaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNDP) ta’uun muudamaniiru.

Hundeessituun Dhaabbata Gabaa Oomisha Itiyoophiyaa ‘ECX’ akkasumas dhaabbata ‘Blue moon’ jedhaman hundeessuunifi hoogganuun beekkaman Dr.Illeeniin, hojii haarawaf gara Niiyoorkitti ni imalu jedhameet eeggama.

Carraa Afriikaa gara fulduraa,dijitaalaayizeeshiinii guddisuunifi dargaggoota jajjabeessuuf xiyyeeffannaan ni hojjatu jedheen amana jechuun gargaaran barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi daarektarri nannawwaa Afriikaa UNDP Ahuninaa Iziyaakonwaan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015