Caffeen Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa Ulfaataa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'anii akka tajaajilaniif muude jira.

76

Finfinnee,Fulbaana 15/2013(TOI)- Caffeen Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa Ulfaataa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'anii akka tajaajilaniif muude jira.

Dhiyeessummaa Itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan Obbo Shimallisa Abdiisaa Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’uun irra deebiin muudamaniiru.

Obbo shimallis sirna kakuu raawwataniiru.

Imaanaa itti laatame ga’umsaan ba’uuf kan hojjetan ta’uu fi Imala Badhaadhinaa mirkaneessuuf dirqama isaanii murannoon kan ba’an ta’uu ibsaniiru.

Ummannis nageenya biyyasaa eegaa mootummaasaa cinaa akka dhaabbatu waamicha dhiyeessaniiru.

Obbo Shimallisa haasawa baniinsaa taasiisaniin misooma hunda galeessa, nageenya amansiisaa, gudina diinagdee itti fufaa fiduun jijjiirrama biyyaa mirkaneessuuf ummata bal’aa hirmaachisuun kutannoon kan hojjatan ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015