Dorgommii ispoortii manneen barnoota guutuu Itiyoophiyaatiin Oromiyaan dursaa jira

144

Maqalee  Bitootessa 18/2011 Dorgommii ispoortii manneen barnootaa guutuu Itiyoophiyaa Maqaleetti gaggeeffamaa jiruun Oromiyaan baayyina meedaaliyaan dursaa jira.

Taphichi har’a dorgommii  guyyaa shanafaa  adeemsisaa jira.

Guyyoota Afran darban dorgommiin 19 kan adeemsifame yoo ta'u, Oromiyaan sadarkaa 1ffaa, Amaaraan fi Tigraay ammoo 2ffaa fi 3ffaa ta'anii Oromiyaatti anaanii jiru.

Oromiyaan warqee 18, meetii 17 fi nahaasa 8tiin walumaa gaalatti meedaaliyaa 43 sassaabuun dursaa jira.

Amaaraan warqee 11, meetii 7 fi nahaasa 9n walumatti meedaaliyaa 27n sadarkaa 2ffaa qabateera.

Naannoon Tigraay ammoo warqee 3, meetii 8 fi nahaasa kudhaniin walumatti meedaaliyaa 21n sadarkaa sadafaa irra taa'ee jira.

Dorgommii hanga ammaatti adeemsifameen naannoo Hararii fi Affaar malee nannoleen biroo meedaaliyaa kessa galuu danda'aniiru.

Dorgoomichi  hamma Bitootessa 29 bara 2011tti kan itti fufu ta'a. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015