Pirezidaant Saahilewarq Zawudee lammiilee buqqa’an daawwachuuf Dassee galan

63

Finfinnee,Fulbaana 15/2014(TOI) Pirezidaanti Itiyoophiyaa Saahilewarq Zawudee sababa waraana gareen shororkeessaa ABUT’n lammiilee bakkeewwan garaagaraarraa buqqa’anii giddugala dawoo yeroo magaalaa Dasseetti argaman daawwataa jiru.

Kantiibaan magaalaa Dassee obbo Abbabaa Gabremasqal waqtii daawwannaa kanaa akka dubbatanitti lakkoofsi namoota buqqa’anii giddugalichatti argaman kuma 350 oli.

Daawwannaa kanaan pirezidaant Saahilewarq haala buqqaatonni yeroo ammaa irra jiran hubachuuf ta’uu ibsaniiru.

Aadde Saahilewarq erga daawwatanii booda buqqaatotaaf deeggrsa taasisu jedhamee akka eegamu kantiibichi ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015