Yuunivarsiitiin Wallagaa bor baratoota damee barnoota adda addaan barsiisaa ture 788 ni eebbisa.

62

Naqamte, Fulbaana 14/2014(TOI)-Yuunivarsiitiin Wallagaa bor baratoota damee barnoota adda addaan barsiisaa ture 788 ni eebbisa.

Pirezidaantiin itti aanaa Akkadaamii Yuunivarsiitichaa dooktar Malkaa Hiikaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, baratoota barnoota isaanii yeroo idilee fi kanneen biroon sadarkaa digirii jalqabaafi digirii sadaffaan barachaa turan 788 bor ni eebbisa.

Kanneen eebbifaman keessas baay'een isaan barnoota Injineeringii kan barataan yoo ta'uu, baratoonni kun Kaampaasiiwwaan Yuunivarsiitii Wallagaa kan muummee, Gimbii, Horroo guduruu fi Kampaasiiwwan qonnaatti barnoota isaani kanneen hordofaa turan ta'uu dooktar Malkaan himaniiru.

Bakka hojjetoonni,barsiisoonni , baratoonnii yuunivarsiitichaa fi keesummoonni affeeraman argamanitti baratoota bor eebbifama keessa 173 dubartoota ta'uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015