Keessummoota Ayyaana Masqalaa fi Irreechaa kabajuuf gara magaalaa Finfinnee dhufan Hoteeloonni sirnaan keessummeessuu qabu jedhame

61

Finfinnee, Fulbaana 14/2014 (TOI)- Keessummoota Ayyaana Masqalaa fi Irreechaa kabajuuf gara magaalaa Finfinnee dhufan Hoteeloonni sirnaan keessummeessuu akka qaban Waldaan Abbootii Qabeenyaa Hoteeloota magaalaa Finfinnee hubachiise.

Kabaja Ayyaanaa Irreechaaf keessummoonni Alaa waamichi taasiifameef 400-500 Finfinnee ni galu jedhamee eeggama.

Hoteeloonni keessumoota keessaa fi Alaa ayyaanoota kanneen kababajuuf dhufan keessummeessuuf qophii barbaachisu taasiisuu Hojii Raawwachiisan Waldichaa obbo Ammahaa Baqqalaa ibsaniiru.

Hoteeloonni magaalaa Finfinneetti argaman keessummoota keessaa fi alaaf walqixa xiyyeeffannoo laachuu akka qaban gaafataniiru.

Abbootii Qabeenyaa Aadaa fi Tuurizimii, Dhaabbilee daawwachiiftootaa fi kireessitoonni konkolaattootaa waliin turtii keessummoota kunneen mijataa taasiisuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015