Miseensoonni Diyaaspoora naannoo Oromiyaa sirna hundeeffama mootumma haaraa naannicharratti argamuuf Finfinnee galan.

91

Finfinnee, Fulbaana 14/2014 (TOI) - Miseensoonni Diyaaspoora naannoo Oromiyaa sirna hundeeffama mootumma haaraa bor naannicharratti geggeeffamurratti argamuuf Finfinnee galan.

Miseensoonni kunneen har'a ganama yeroo isaan buufata xiyyaara idil addunyaa Boolee gahan hoggantoonni mootumma naannoo Oromiyaa simannaa taasisaniifiru.

Miseensoonni diyaaspooraa har'a gara biyya dhufaan kun sababaa ilaalicha siyaasaa isaanif biyya irraa baqataanii waggoota dheeraaf biyya isaaniirra fagaatanii kan turanidha jedhameera.

Hogganaan biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa akka jedhanitti miseensoonni diyaaspoora kuneen biyyatiitti jijjiramni akka dhufuuf kallatti adda addaan kanneen qabsaa'a turanidha jedhaniiru.

Miseensonni kunneen biyyoota jiranitti qabsoo saba Oromoo keessaatti hirmaachaa akka turan yaadachiisun, sirna mootummaa haaraa bor naannichatti hundeeffamu irratti akka argamaniif waamichi taasifameefii dhufuu isaanis himaniiru.

Fuula durattis dhalatoota naannicha kan ta'an miseensoonni diyaasipooraa baay'een akka dhufaan obbo Geetaachoon eeraniiru.

Miseensoonni diyaasipooraa gara biyya isaanii dhufan kun haala biyyi isaanii keessa jirtu jalqaba hubachuun kanneen achiitti hafanis kan hubachiisan ta'a jedhaniiru.

Itoophiyaan gama dimokiraasiin, misoomaa fi bulchiinsa gaariin jijjirama akka argamsiiftu hundumatu ni barbaada.

Lammileen ishee hundiis biyya tokko akka qabus yaadachiisuf jedhan.

Miseensoonni diiyaasipooraa gara biyyaatti deebi'anis waan Itoophiyaatti ni ta'a jedhii hin eegne ta'uu isaan gara biyya isaanitti deebi'uu himaniiru.

Itoophiyaa hundaaf taatu uumuuf qabsaa'aa akka turan kan himan miseensoonni kun, amma daandii sana qabachuu himaniiru.

Miseensota diyaasipooraa gara biyya isaanitti deebi'an keessaa Tajaajilli Oduu Itoophiyaa kan dubbise Dooktar Jamaal Hasan fi Dooktar Maariqoos Beekatoo sababaa sirna abbaa irree Itoophiyaa keessa turen gara biyya isaani kana dhufanii akka hin beekne himaniiru.

Amma garuu Itoophiyaan saboota fi sablammoota biyyattif mijattuu taatee umamaa akka jirtu abdiin agarsiisuu waan jiruuf gara biyya isaanii dhufuu himaniiru


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015