Ayyaana damaraa Masqalaattis ta’e sababoota garaa garaaf richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uu poolisiin beeksise

54

Fulbaana 14/2014 (TOI) Ayyaana damaraa Masqalaattis ta’e sababoota garaagaraaf birootiif richiitii dhukaasuun dhorkaa ta’uu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

Dhorki kan taasifameef richiitii dhukaasuun walqabatee namoonni nageenyaa booressuuf fedhii qaban wantoota dhukaafamanii fi walitti hidhamuun dhukaafamanitti akka hin fayyadamne ittisuuf akka ta’e eerameera.

Gocha yakka akkasii ittisuuf ayyaana damaraa Masqalaa Fulbaana 16/2014 kabajamu irrattis ta’e sababoota biroofis namni dhuunfaanis ta’e dhaabbanni kamuu qaama ilaallaturraa eeyyama utuu hin argatiin richiitii dhukaasuun akka hin danda’amne akeekkachiiseera.

Hawaasni kana hubachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisu poolisiin magaalaa Finfinnee ergaa dabarseera.

Kanaan dura dhorkaa poolisiin dabarse turerra darbuun qaammee 5/2013 halkan keessaa sa’a 11tti fulbaana bara haara Fulbaana 1/2014'f kutaa magaalaa Addis katamaa bataskaana Rufaa’eel jedhamu keessatti namoonni sadii bara haaraa sababeeffachuun utuu richiitii dhukaasanii to’atamuun isaanii ni yaadatama.

Kanaan qorannoo isaanirratti taasifameen tokkoo tokkoon isaanii wabii birrii kuma 4’n gadhiifamanii dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa akka jiru poolisiin magaalichaa himeera.

Haaluma walfakkaatuun kutaalee magaalaa Boolee, Qirqoosii fi Eekkaatti namoonni utuu richiitii dhukaasaa jiranii argaman dhimmi isaanii adeemsa qorannoorra akka jiru ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015