Rakkoo nam-tolchee Paarkii Biyyaalessa Gaarreen Baaleerra gahaa jiru hirdhisuuf qindoominni qooda fudhattootaa murteessaa tahuun himame.

206

Finfinnee, Fulbaana 13/2014(TOI)- Raakkoo sababaa namaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baaleerra gahaa jiru hambisuuf qindoominni qooda fudhatoota akka barbaachisu himamee.

Waliigalteen hojii waloo waldaalee kunuunsa Bosonaafi dheedumsaa gandoota oollaa Paarkii Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee jiraniif bulchiinsa Paarkichaa waliin mallatteeffamee jira.

Kaayyoon waliigaltee kanas miidhaa dheedumsa looniifi qubsuma seeraan alaatiin Paarkii Biyyaalessa Gaarreen Baaleerra hawaasa naannootiin gahaa jiru xiqqeessuuf tahuunis barameera.

Waliigaltichi miidhaa dheedumsaan gahaa jiru dhawaata dhawaataan hambisuun sirna Ikoo paarkichaa gabbisuun faayidaa hunda galeessa Paarkiichi biyyaafi addunyaaf kennu itti fufiinsa akka qabaatu tasuufi jedhameera.

Waliigalteen mirgaaf dirqama waldaaleefi paarkichaa of keessatti hammatan kunniin hojimaata kunuunsa qabeenya uumamaa sirnaan itti fayyadamuu sona godhate waggoottan lamaan dhufuuf kan turu tahuunis himamee jira.

Sirnicharratti kan argaman Itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessa Gaarrewwan Baalee obboo Shaamil Kadiir akka jedhanitti Paarkiin Biyyaalessa Gaarreen Baalee bu’aawwan hunda galeessa kennuun adda durummaan warreen eeraman keessaa tahuu himan.

Haatahu malee paarkichi yeroo ammaa miidhaa dheedumsaa loonii,qubsuma seeraan alaafi dhibee Saree maraatteen Jeedala diimtuurra gahaa jiruun miidhamaa jiraachuu himan.

Miidhaan nam-tolchee paarkicharra gahaa jiru kana xiqqeessuuf hawaasa naannoo paarkii jiru hirmaachisuun hojjachuu kan gaafatu tahuus eeraniiru.

Walii galteen waldaalee hawaasa naannoo paarkicha daangessan waliin taasifames qaamuma carraaqqii kanaa tahuufi rakkinicha hir'isuu keessatti gahee guddaa gumaacha amantii jedhu horachuus dubbatan.

Saganticha adda durummaan kan qindeessan dhaabbata Firaankifarti Zooloojikaal soosaayitiitti Itti gaafatamaa sagantaawwanii obboo Huseen Idriis gama isaaniitiin dhaabbanni Firaankifart kunuunsa qabeenya uumamaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun dhaloota haarawatti akka cehuuf kaayyefatee kan hojjatu tahuu eran.

Dhaabbanni 'FZS' keessattuu muuxannoo kunuunsa qabeenya uumamaa irratti naannoo gammoojjii Baalee irratti horate babal’isuun naannoo qilleensa baddaa kanattis hojirra oolchuun miidhama dhaqabuu malu hirdhisuuf hojjachaa jiraachuu himan.

Walii galteen waldaalee kunuunsa bosonaaf dheedumsaa aanaa Goobbaa bulchiinsa Paarkii biyyalessa gaarreen Baalee waliin taasifamees agarsiiftuu carraaqqii kanaati jedhan.

Akka obboo Huseen jedhanitti dhaabbanni isaanii kunuunsa qabeenya uumamaa hirmaachisaa tahe geeggessuun cinaatti hawaasni naannoo bosonaa jiraatu carraalee jiruu ofii ittiin utubatan akka qabaataniif kaayyefatee kan hojjatu tahuus himan.

Bakka bu’oonni Waldaalee Bosonaaf dheedumsaa waliigaltee paarkicha waliin mallateessan gama isaaniitiin waliigaltichi hojii bifa baratameen geeggessaa turan miira itti gaafatamummaa ol’aanaa qabuun geeggessuuf nu qarqaara jedhaniiru.

Paarkii Biyyaalessa Gaarreen Baalee yeroo ammaa waggaatti loon kuma 700 ol tahu dheedumsaaf gara paarkichaa akka seenan ragaan Bulchiinsa paarkicharraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015