Finnoo biyyoolessaa marsaa 6ffaan Miseensonni Mana mareef bakka bu'oota uumataa dogomanii mo’ataniif leenjiin kennamaa jira.

61

Finfinnee, Fulbaana 13/2014(TOI) - Filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaan miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataaf dogomanii mo’ataniif leenjiin kennamaa jira.

Leenjiin kennamaa jiru kun ga’ee bakka bu’oota ummataa, danbii naamusa miseensotaa fi wajjira mana marichaatti kenninsa tajaajilaa irratti kan xiyyeeffate dha.

Kaayyoon leenjii kanaa miseensonni mana marichaa hojii isaanii hir’ina odeeffannoo kamiyyuu malee akka hojjetaniif kan gargaarudha jedhameera.

Filannoo biyyoolessaa taasifameen adeemsa sagalee Waxabajjii 14/2014 A.L.I kennuun uummanni paartii filateef sagalee isaa kenneera.

Boordiin filannoo biyyoolessaa bu’aa argame ifa taasiseen paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaan mootummaa isa hundeessisu argateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015