Itiyoophiyaatti tata’imsi gosti vaayiirasii koroona haaraan ariitiin babal’achaa jira

56

Finfinnee Fulbaana 12/2014(TOI)- Itiyoophiyaatti weerarri gosa kooviid 19 haaraa kan Deeltaa jedhamuu haala ariitiin tamsa'aa jiraachuu Ministirri Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa beeksisan.

Doktar Liyaan haala waqtaawaa koovid-19 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa kanaan tata’amsa'inni gosa kooviid- 19 kan deeltaa jedhamuu haala jabaan babal’achaa dhufuun lammiileerratti miidhaa geessisaa jira jedhan.

Biyyattiitti babal’achuu vaayirisiii haaraa kanaan lakkoofsi namoota qabaman, wal’ansaa cimaa keessa jiranii fi lubbuun isaanii darbuu haala jabaan guddataa deemaa akka jirus himaniiru.

Sababni babal’achuu vaayirasichaa tarkaanfiin of eeggannoo vaayirisicha ittisuuf taasifamu qabbanaa’aa dhufuu dha’’ jedhan.

Of eeggannoo malee bakkeewwan ummanni walitti qabaman baaya’chuu fi dabalataan talaallii vaayirasichaa haala barbaadamuun fudhachuu dhabuu dha jedhan.

Vaayirasii Kanaan kaleessa namoonni 43 yoo du’an 800 ol immoo wal’aansa cimaarra jiru.

Guyyoota darban sadiitti namoonni 108 vaayirasichaan lubbuun isaanii darbeera.

Hanga ammaatti lammiileen vaayirasichaan du’an kuma 5 ol ta’uu ibsaniiru.

Of eeggannoon vaayirasicha ittisuuf godhamu haala ammaa Kanaan dagatamaa yoo dhufe miidhaa hamaa geessisuu danda’a jedhan doktar Liya

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015