Ayyaana Irreechaa fi Masaqalaa Magaalaa Finfinneetti kabajamuuf dargaggoonni tola ooltotaa kuma 27 ol kan hojii nageenyaa tumsan qophaa'an.

69

Finfinnee, Fulbaana 12/2014(TOI)- Ayyaana Irreechaa fi Masaqalaa Magaalaa Finfinneetti kabajamuuf dargaggoonni tola ooltotaa kuma 27 ol kan hojii nageenyaa tumsan qophaa'an.

Ayyaana Irreechaa fi Masaqalaa torbee dhufu Magaalaa Finfinneetti kabajamuuf dargaggoonni tola ooltotaa kuma 27 ol kan hojii nageenyaa tumsan qophaa'uusaanii,Komiishiniin Poolisii Finfinnee beeksise.

Daarektarri Qunnamtii Ummataa , Muuziqaa,Tiyaatiraafi Ispoortii Komiishinichaa Komaandar Faasikaa Fantaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti ,Hawaasni magaalichaa yeroo kamiyyuu caalaa qaamolee nageenyaa waliin qindaa'uun hojii nageenyaarratti hojjetaa jira jedhan.

Jiraattonni magaalichaa nageenya magaalattii eeguuf murannoo isaan agarsisaniif komishiiniin Poolisii Finfinnee galateeffateera. Keessaattu waantota shakisiisoo ta'aan yeroo argu hawaasni magaalicha qaamolee nageef eeruu haallii inni itti kennaa jiru baay'e jajjabeessadha jedhaniiru.

Hojii hawaasni Magaalichaa hojjete kanaanis meeshaleen waraanaa heduun to'atamuusa akka fakkenyaatti eeraniiru.

Miseensoonni Poolisiis nageenya magaalaa Finfinnee eeguf si'ayinaan karaa dindaa'een hojjechaa jirachuu himaniiru.

Ayyaanni Irreechaa fi Masqalaas karaa naga qabeessaan akka kabajamuuf Poolisiin hawaasa waliin qindaa'ee hojjechaa jirachuu Komaandar Faasikaa Fantaa himaniiru.

Hawaasni wantoota shakkisiisoo ta’an wayita argu lakkoofsa bilbilaa 011-1-11-01-11 yookaan sarara bilisaa 991 irratti bilbiluun eeruu akka kennus hubachiusaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015