Mootummaan haaraa hundeeffamuu xiyyeeffannoo isaa inni jalqabaa nageenya uummataa eeggsisuu qaba - Dr.Gizaachoo Asiraat.

48

Finfinnee,Fulbaana 11/2014(TOI)- Mootummaan haaraa hundeeffamuu xiyyeeffannoo isaa inni jalqabaa nageenya uummataa eeggsisuu qaba jedhan Qorataan Olaanaa Inistitiyuutii Dhimmoota Taarsimoo Dr Gizaachoo Asiraat.

Dr, Gizaachoon, mootummaan Baatii Fulbaana kanatti hundaa’u kun rakkoo garaagaraa biyyatti mudate keessaa baasuf hojii guddaatu isa eeggatas jedhaniiru.

Hojiin mootummaa kamiyyuu jalqabaa oolantummaa seera kabachiisu,nageenyaa buusuufi nageenyaa lammiilee eeggsisuudha jedhan; kanaaf mootummaan haaraa hundaa’u kun dhimmoota kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechuu qabas jedhaniiru.

Yeroo ammaa kanaa waraannii Kaaba Itiyoophiyaatti adeemsifamaa jirun, namonni baayyeen qe’eefi qabeenya isaanirraa buqqaa’ani jiru jechun kan ibsan Dr. Gizaachoon, kanaafis mootummaan haaraa hundeeffamu garee shororkeessa TPLF irratti tarkaanfii araara hin qabne fudhachuus qaba jedhaniiru.

Tarkaanfiin kunis gareen kun biyyaafi uummataaf rakkoo cimaa osoo hin ta’iin irratti fudhatamuu qabas jedhaniiru jechuun DHPI gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015