Kutaa bulchiinsa magaalaa Aqaaqiitti Maariin Paanaalii haalaa kabaja ayyaana irreechaarratti xiyyeeffatu geggeefame.

64

Finfinnee, Fulbaana 11/2014(TOI)- Kutaa bulchiinsa magaalaa Aqaaqiitti Maariin Paanaalii haalaa kabaja ayyaana irreechaarratti xiyyeeffatu geggeefame.

Maariin kunis abbootii Gadaa fi kanneen dhimmi ilaallatu waliin geggeeffame.

Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee,akkasumas Qeerroofi Qarreen Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallitii ayyaani Irreechaa bara kanaa akka duudha Oromootti kabajamuufi nagaan akka xumuramuuf gaheesaanii ciminaan kan bahan tahuu maarii kanarratti himaniiru.

Waltajjiin marii Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallitiitiin qophaa’e kun Irreechi mallattoo tokkummaa fi nageenyaati mataduree jedhuun mari’ataa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015